Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Yukireen Sa’uudii Arabiyaa keessatti maree Ameerikaa waliin taasisaa jirtu haala gaariin deemaa jiraachuu ibsite 

ONM-ABO Bitootessa 12, 2025 

Yukireen akka jettetti, Kibxata kaleessa Ameerikaan Sa’uudii keessatti mariin Yukireen waliin taasisaa jirtu bifa “ijaarsa” qabuun kan tarkaanfachaa jirtu yoo ta’u, kunis yeroo Kaayiv waggoota sadii keessatti haleellaa diroonii guddaa Moskoo irratti gaggeessite sa’aatii muraasa booda..

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarko Ruubiyoo fi Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Andii Siibiyaan walgahii Jeddaa irratti kan hirmaataniiru. Gama  Raashiyaan kan hirmaanne yoo ta’u, sababni isaas prezidaant Doonaald Traamp waraana weerara Raashiyaa bara 2022 irratti eegale xumuruuf dhiibbaa Yukireen irratti waan jigsaniif.

Mariin kun pirezidaantii Volodaamer Zelenskiin Waayit Haawusitti argamuun waliigaltee malee erga ba’ee, Ameerikaan gargaarsa waraanaa, odeeffannoo basaasaa fi suuraa saatalaayitii Yukireen irraa addaan kutteetti.

“Nagaa argachuuf waan hunda gochuuf qophiidha,” jechuun itti gaafatamaan biiroo pirezidaantii Yukireen Andii Yermaak walgahii Kibxata kaleessaa hoteela qananiitti gaggeeffametti yeroo seenan ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin dubbataniiru jechuun Al Arabiyaa English gabaaseera.

Exit mobile version