ONM-ABO Bitootessa 13, 2025
Baha Harargee aanaa Baddannoo araddaa Gooroo Wadootti jaleewwan Bilxiginnaa Bitootessa 7, 2025 hawaasa walga’ii baasuun haasaa jibbiinsaa hawaasa Oromoo walitti buusuu danda’uu fi farra tokkummaa Oromoo ta’e dubbachaa kan turan ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
“Nama kutaalee Oromiyaa kam irraa dhufe hunda qoradhaa! addatti immoo namoota gara dhiha Oromiyaa, Lixa Shaggar fi Kaaba Shaggar irraa dhaqan, diina argine jedhaatii qaama nageenyaa naannoo keessan jiru beeksisaa. Riphee dhufee lubbuu keessan galaafata waan ta’eef, fuula haarawwaa kam illee hin dhiisiinaa” jechuun hawaasa tokko ta’ee jiraataa jiru gargar baasuuf walitti diinomsaa kan jiran ta’uun ibsamee jira.
Hawaasni walga’ii ba’es, dhiigaa fi foon isaa irraa adda ba’uu akka hin dandeenye waan beekuuf haasaa jibbiinsaa waltajjii sana irratti dubbatame tuffachuun namni hunduu deebii tokkollee osoo hin kennin waltajjii adda kutuun kan dhiisanii deemanii fi lukkeeleen Bilxiginnaa waan fedhan yoo hafarsanis, hawaasni Oromoo tokkummaa isaa kan duraa irra daran cimsatee harqoota garbummaa baroota dheeraaf jalatti miidhame kan ofirraa kan cabsu ta’uun itti dabaluun eeramee jira.
Murni Bilxiginnaa yeroo adda addaatti jechootaa fi haasaa jibbiinsaa bocanii hawaasa Oromoo gidduutti hafarsuun kutaa, laga, amantaa fi gosaan qoqqoodanii walitti buusuun aangoo isaanii dheereffachuuf rafanii bulaa hin jiran.

