Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Boorana Bahaa keessatti qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee gatiin xaa’oo baay’ee olka’uu irraa kan ka’e qonnaan bultoonni rakkachaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Bitootessa 15, 2025 

Uummanni qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan godina Boorana Bahaa keessa jiraatan kanneen jireenyi isaanii qonnaa waliin wal qabate sababa murni PP gatii xaa’oo itti heddummeesseef qonnaan bultoonni hedduun xaa’oo argachuu dadhabuun waan ittiin qonna isaanii geggeeffatan dhabanii rakkachaa jiraachuu jiraattonni gamasii ONM’f eeran.

Akka jiraattonni godinichaa jedhanitti gatiin xaa’oo kan bara darbee irra bara kana dachaa sadiin dabaluun, xaa’oon bara darbe ardabni tokko qarshii 3500-3800 kan ture bara kana ammoo qarshii 10,000 galchuun saamicha hamaa geggeessaa kan jiran yoo ta’u, sababa kanaanis qonnaan bultoonni waan ittiin bitatan dhabanii rakkina guddaa keessa galanii jiraachuu odeessi godinicha irraa ONM dhaqqabe ni addeessa.

Impaayera Itiyoophiyaa keessatti rakkinoota garaa garaan jeeqamaa kan jiru uummanni Oromoo, gama tokkoon rasaasa ergamtoota murna PP’n lubbuu ilmaan isaa dhabaa, gama kaaniin ammoo kufaatii diinagdee akka impaayerattiitti murnicha mudatee jiru irraa kan ka’e qaala’iinsa jireenyaan wal’aansoo wal qabaa jiruu gadadoof saaxilamaa jira.

Qajeelfama IMF’n deggersa xaa’oo fi boba’aa irratti godhu kan kaase murni Bilxiginnaa, uummata Oromoo irraa buusaa gonofaa fi meeshaa bitaa naannoo keessan eeggadhaa jechuun maallaqa irraa guuraa, doolaara miliyoona 10 oliin masaraa ijaaraa xaa’oo qonnaan bulaa deggeruu qabu irratti ammoo gatii dabaluu fi kan yeroon irra darbe galchuun abdii jiraachuu uummatichaa balleessaa jiraachuun ni beekama.

Exit mobile version