ONM-ABO Bitootessa 24, 2025
Aanaa Gudayyaa Biilaa keessatti uummata qaala’iinsa jireenyaa hamtuun rakkachaa jiru irraa midhaan callaa guurrachaa kan turaniin alatti torbee dhuma kana keessa ammoo badii tokko malee namoota nagaa irratti reebicha ulfaataa raawwachuun mana hidhaatti guuraa akka jiran jiraattonni dubbatu.
Magaalaa Biilaa keessatti uummanni bishaan dhugaatii dhabee dararamaa yeroo jirutti kaabinoonni murnichaa alkoolii akka bishaaniitti dhuganii machaa’uun uummatattti taphachaa jiru. Kaabinoonni PP kunneen maallaqa mootummaan isaanii uummata saamee akka aanichaatti ramadeef nyaatanii fixuun ammas harka uummatichaatti deebi’anii kadhachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa ONM’f addeessanii jiru.
Yeroo itti ooyiruun qonnaan bultootaa xaa’oo malee midhaan baasuu hin dandeenyetti murni PP gatii xaa’oo ardaba tokkoo qarshii 8500 galchuun gatii sanyii malee qonnaan bulaan tokko ammoo xaa’oo ardaba 3 fi isaa ol kan barbaadu yoo ta’u, maatiin tokko ooyiruu isaa oomishachuuf tilmaama qarshii 25,500 baasuun bitata. Kun ammoo baasii fi galiin argamus kan wal hin madaallee ta’uu jiraattotni ni ibsu.

