ONM-ABO Bitootessa 17, 2025
Hidhamtoonni siyaasaa godina Arsii Bahaa aanaa Muuneessaatti maqaa siyaasa murna Bilxiginnaa ala geggeessaa jirtu jedhuun kaadirootaa fi waraana murna nam-tokkee qofaa eeguuf bobbaafamaniin ukkaamfamanii hidhamanii jiran baay’inaan 832 ol darbee jiraachuu ONM odeeffateera.
Murni badee balleessaan impaayera Itiyoophiyaa of harkaa qabu kutaalee Oromiyaa mara keessatti dhiittaa mirgoota namoomaa raawwachuu cimsee itti fufuun namoota hirmaannaa siyaasaa keessaa qooda hin fudhannes yakkee jumlaan hidhaa jira.
Yakkaa fi miidhaalee waraanni Bilxiginnaa guutuu Oromiyaatti raawwachaa jiru yaaddoo fi egeree hawaasichaatti kufaatii guddaa ta’ee mul’achaa kan jiru waraanni fi milishoonni sirna Bilxiginnaa kanneen barnootaa fi ulaagaalee siyaasaa keessa goonkumaa hin dabarre qonnaan bultoota nagaa tuqtuqaa siyaasaa kamirraa walaba ta’an dantaa fi fedhii dhuunfaa isaaniif jecha saamicha, hidhaa fi ajjeechaa irratti raawwachaa jiru.
Keessattuu aanaa Muuneessaa gandoota baadiyyaa irraa hawaasni Bitootessa 15, 2025 bittaa fi gurgurtaaf gabaa onichaa deeman maqaa waraqaa eenyummaa hin qabdan hojiilee loojistikii raawwachuuf ergama fudhattanii dhuftan jedhuun waraana sirnichaan jumlaan hidhamuun beekameera.

