Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurrumuu keessatti murni PP maqaa qawwee isinii binna jedhuu fi maqaalee addaa addaan saamicha uummata irratti hammeessanii jiraachuun ifoome

ONM-ABO Bitootessa 19, 2025 

Saamtonnii fi goolessitoonni murna PP aanaa Hurrumuu keessaa tokkoon tokkoon jiraattotaa irraa maqaa qawwee isiniif binna jedhuun qarshii 12,500 guuraa akka jiran jiraattonni ONM’tti himan.

Kana malees magaalaa Soonxii jalatti kan argamtu bakka Manjii jedhamu irraa maqaa daandii isinii sirreessina jedhuun uummata irraa qarshii:

walumaa galatti uummata bakka Manjii jedhamtu qofa irraa maqaalee armaan olitti tuqamaniif qarshii 336,600 kan saaman oggaa ta’u, maqaa ibsaa isiniif galchinaan ammoo qarshii 662,005 uummata kaffalchiisanii hanga ammaa osoo hin galchin jiraachuun addeeffame.

Jiraattota ganda Soontii Gooxii Manjiif taankeriin bishaanii kan baasii qarshii miliyoona 7’n waggoota 5 dura hojjetame maallaqa guddaa hanganaan hojjetamee guyyaa tokkoof itti tajaajilamanii akka dhaabbates itti dabaluun ONM’f eeraniiru.

Aanaadhuma kana keessatti murni badii kunneen dallaa mana namaa irraa diiguun, qabeenya kanneen akka; Avukaadoo, Muuzii, Qochoo fi kanneen biroo hedduu ciruun kan barbadeessan oggaa ta’u, torbee dhuma sana keessas bulchaan gandichaa uummata mooraa mana barumsaa keessatti walitti qabuun namni kamuu mooraa kana keessaa gadi baanaan akka ajjeefamu jedhee eegdota isaatti ajaja darbarsuun doorsisaa fi dararaa geggeessaa turuun barameera.

Exit mobile version