ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025
Godina Horroo Guduruu aanaalee hunda keessatti waraanni fi kaadiroonni sirnichaa qonnaan bultoota irratti maqaa kaffaltii garaa garaan saamicha ulfaataa raawwachaa jiru.
Maqaa gibiraa fi Fannoo Diimaa jedhuun kaffalchisaa turuun amma immoo tokkoon tokkoon qotee bulaa irraa boqqolloo kiilogiraama 30 fi qamadii kiilogiraama 10, maqaa uffata milishaan immoo qarshii 1400 akkasumas maqaa mana gandaa ijaaruu jedhuun immoo qarshii 1000 humna waraanaa fayyadamuun uummata irraa saamaa jiru.
Dabalataan barattoota irraa karaa mana barumsaa isaaniitiin tokkoon tokkoon barataa boqqolloo safartuu (kubbaayyaa) 85 kaffaluu qaba jechuun barataan kana hin fidne ari’amuu bira darbee maqaa ilaalcha Waraana Bilisummaa Oromoo qabda jedhuun miidhaan irra ga’uu akka danda’u akeekkachiisaniiru.
Maatii gochi kun irratti raawwataa jiru keessaa tokko akka jedhetti, ani ijoollee 9 barsiifachaan jira, ijoollee sagaliif boqqolloo safartuu 85 yoon kenne walii gallii isaa 765 fi kan keenya waliin ardaba 3 fi qarshii 2400 kaffala jechuun miira aariin dubbatan.

