Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Shaggar Aanaa Dugdaatti waraanni fi kaadiroonni faashistii PP hidhamtoota siyaasaa hidhaa irraa isin baasna jechuun tokkoon tokkoon isaanii qarshii 10,000 ol gaafachaa jiraachuun himame

ONM-ABO Caamsaa 4, 2025 

Oromiyaa guutuu keessatti waraanni faashistii PP maqaa sakattaa WBO’n bobbaafamanii uummata nagaa qe’ee isaa keessaa ukkaamsuun maqaa maadhee WBO fi qeerroo jedhuun gara mooraa isaaniitti geessuun bu’aa dhuunfaa isaanii fi gabaasa sobaatiin dinagdee isaanii foyyeeffachuu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa kan jiran yoo ta’u, hidhaa irraa baasuufis maallaqa gurguddaa gaafachuu itti fufuun godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa keessatti gochoota akkasiin namoota hiraarsuu cimsanii akka jiran jiraattonni ONM’f eeraniiru.

Hidhamtoonni siyaasaa haala kanaan qarshii gaafatamaa jiranis baay’inaan 35 ol akka ta’an kan himan jiraattonni, kanneen maqaan isaanii nu qaqqabe muraasnis:

  1. Goddee Battee,
  2. Ayyaanoo Sakaaloo,
  3. Duree Horaa,
  4. Nabii Sakaaloo fi 

kanneen biroo  qarshii 10,000 ol kaffaltan malee hin baatan jechuun dararaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Gareen saamichaaf ijaaraman kunneen kufaatii irraa of baraaruuf jecha goolama siyaas-dinagdee geggeessaa jiraniin Caamsaa 2, 2025 irraa eegalee kaffaluu yoo baattan miidhaa biraatu isin eeggata jechuun hidhamtoota ganda Suubii Gamoo doorsisaa akka jiranis dabaluun himaniiru.

Exit mobile version