ONM-ABO Waxabajji 16, 2025
Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa gandoota akka:
- Ushaanee Qoocee,
- Gibee Boosoo,
- Dabboo Yaayaa,
- Meexxii Ushaanee,
- Deetoo Martii,
- Meexxii Faallee,
- Buuyyoo Qacamaa fi
bakkeewwan hedduu maqaan hin eeramne keessatti ergamtoonni Abiy Ahimed “qawwee ittiin binna” jechuun tokkoon tokkoon jiraattota jireenya fooyya’aa jiraatan irraa giddu galeessaan qarshii 5,000-8,000’tti afaan qawween sodaachisanii guuraa kan jiran yoo ta’u, kanneen harka qalleeyyii ta’an irraa ammoo gadi aanaa hanga qarshii 2,000’tti fuuchaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko ONM’tti himanii jiru.
Akka jiraattonni ONM dubbise himanitti, “qarshii gaafatamtan yoo yeroodhaan hin kaffaltan ta’e qabeenya keessan hunda saamamtu” jedhanii doorsisaa kan jiran yoo ta’u, Waxabajjii 13, 2025 jiraattuu ganda Meexxii Faallee kan taate Aadde Ayishaa Maammadnuur dubartii jedhamtu qarshii kaffaltu of harkaa oggaa isheen dhabdu shiftoonni kunneen qotiyyoo tokko jalaa ooffatanii deemnaan ollaa isheetii qarshii liqeeffattee kaffaluun qotiyyoo ishee harkaa baafattee jiraachuu dubbatu.
Dabalataanis, tokkoon tokkoon gandoota aanichaa keessattis qawween 50 kan bitamu ta’uu jiraattonni itti dabaluun eeranii jiru.
Bilxiginnaan qawwee loltoota isaa irraa booji’amee fi gariin ammoo loltoonni isaa gurguratanii mooraa isaa keessaa badaa jiran bakka buufachuu fi humnootni kaabaa nu weeraruuf holola jedhuun goleewwan Oromiyaa cufa keessatti maqaa “qawwee ittiin binnee nageenya keessan isiniif tiksina” jedhuun irra deddeebiidhaan uummata Oromoo saamaa kan jiru ta’uun ni beekama.

