Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Jimmaa Aanaa Saqqaa Coqorsaa keessatti ergamtoonni Abiy Ahimed “qawwee ittiin binna” jechuun hawaasa irraa maallaqa saamaa jiraachuun dhaga’ame

ONM-ABO Waxabajji 14, 2025 

Godina Jimmaa aanaa Saqqaa Coqorsaa ganda Meexxii Abbayyii keessatti ergamtootni Bilxiginnaa kanneen garaa isaanii guuttachuuf qofa jiraatan, “qawwee binnee nageenya keessan ittiin isiniif eegna” jechuun Waxabajjii 11, 2025 irraa eegaluun tokkoon tokkoon jiraattotaa irraa giddu galeessaan qarshii 5,000-8,000’tti afaan qawwee itti qabuun harkaa fuudhaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, guutummaa aanichaa keessatti wayita qaala’iinsi jireenyaa hammaatee jiru kanatti saamichi ulfaataan kaffaltii nagahee hin qabneen irra deddeebiidhaan raawwatamaa jiraachuu himuun, jiraattonni hedduunis sababuma kanaaf jecha gara itti deebi’an dhabuun qe’ee gadi lakkisanii baqachaa kan jiran ta’uus dubbatu.

Koloneel Abiy Ahimed biyyoota alaa liqii kadhatee oggaa isaan dhowwatan jaleewwan isaa qe’ee uummata Oromootti bobbaasee saamicha daangaa darbeen dinagdee sabichaa laamshessuu irratti fuulleffatee hojjechaa jira.

Exit mobile version