Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti lukkeelee Bilxiginnaan dararaa, saamichaa fi hidhaan jabaachuun beekame

ONM-ABO Bitootessa 21, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Doddotii irraa Bitootessa 12, 2024 waraanni sirna dhableessi PP Obbo Adam Mahaammad abbaa ilmaan 7 meeshaa waraanaa qabdaa qawwee fidi jechuun reebicha jabaa irratti raawwachuun qawwee obboleessa isaa dirqiin baasisanii harkaa fuudhuun isas qabanii mooraa waraanaa magaalaa Furseetti hiraarsaa jiraachuun beekameera.

Oduu biraatiin ammoo aanichumatti ergamtootni Bilxiginnaa kunneen baatii Gurraandhalaa keessa maqaa inshuuraansii fayyaaf jedhuun qarshii humnaa olii jiraattota harkaa saamaa kan turan, ammas bifa haarawaan qarshii 2000-3000 humnaa fi aangoo isaanii da’oo godhachuun guuraa jiraachuun ibsameera.

Murni Bilxiginnaa baatiilee keessatti irra deddeebiin maallaqa guuraa kan jiran oggaa ta’u, garuu tajaajilli hawaasaaf kennamu goonkumaa kan hin jirree fi hawaasni dhukkubsatee mana yaalaa yeroo deemuttis waraqaan inshuuraansii fayyaa bu’aa isaaniif buusaa akka hin jirres dubbatu.

Dabalataan aanichuma magaalaa Caffaa Roobit keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa kunneen maqaa waraqaa daldalaaf jedhuun qarshii 200 fuudhaa kan turan tibbana ammoo gara 350’tti ol guddisuun guyyaa Roobii torbee torbeetti fuudhaa jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version