Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti milishoota sirnichaan dargaggoon tokko garmalee reebamee hidhaatti darbatamuun barame

ONM-ABO Hagayya 17, 2025 

Kaaba Oromiyaa godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Furseetti Hagayya 14, 2025 milishoonni sirnichaa dargaggoo loon godaanisisaa ture kan dhalootaan aanichuma ganda Garbootaa ta’e maqaan isaa Mohaammad Umaroo jedhamu qabanii reebicha ulfaataa qaama laaleesu irratti raawwachuun qawwee isaa fi bilbiloota harkaa irraa fudhatanii magaalaa Furseetti badii tokko malee hidhanii dararaa jiraachuun eerameera.

Dargaggoo Mohaammad loon Caffaa irraa godaansisee magaalaa Fursee biratti kan argamtu Qoritti galchaa kan ture yoo ta’u, milishoonni sirnichaa ammoo sobaan yakkanii maqaa”faaya Alaabaa Oromoo fi suuraa WBO bilbila kee keessatti agarre “jedhuun garmalee reebanii qawwee isaas irraa hiikkachuun bilbilootas harkaa fudhatanii  hidhaatti darbachuu maddeen keenya magaalichaa ONM’tti himaniiru.

Dabalataan aanaa Harxummaa Fursee bakkeewwan adda addaatti hidhattootni murna Bilxiginnaa kun maqaa maatii qabsaa’otaa fi deggartoota WBO’ti jedhuun hawaasa aanichaa irratti dhiittaa mirgoota namoomaa daangaa darban guyyuu raawwachaa jiraachuu jiraattotni aanichaa Arraata Biyyolessa Oromiyaatiif gabaasaniiru.

Exit mobile version