Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa Godina Walloo Aanaa Dawwee Harawaatti dararaan uummata irratti waraana faashistii PP’n jabaatee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 21, 2025 

Godina Walloo aanaa Dawwee Harawaa ganda Manduubootti lukkeeleen Bilxiginnaa maqaa “WBO’f nyaata geessitu jedhu itti maxxansuun akka uummatni loon qe’eedhaa hin bobbaafanne, laga bu’anii bishaan akka hin waraabbanne, qoraan akka hin dhaqannee fi ooyiruu isaaniitti bobba’anii akka hin qotanne dhorkanii jiraachuu jiraattonni ONM’tti himanii jiru.

Akka jiraattonni ibsanitti yeroon ammaa kun akkuma beekamu waqtii roobaati waan ta’eef qonnaan bulaan tokko haal-duree qonna arfaasaaf murteessoo ta’aniin qophaa’uu irratti argama. nuti ammoo faallaa isaatiin manaa baanee gara ooyiruu keenyaatti sochii gochuufiyyuu dhorkamuun mana keenya keessatti ugguramnee jirra jechuun jiraattonni yaada isaanii ONM’f ifoomsanii jiru

Sirni garboomfataan abbaa irree Impaayerattii barcuma aangoo siyaasa isaa qofa tikfachuuf jecha jaleewwan isaa kan garaa isaanii qofaaf bitamanii saba nagaa cunqursuun qaama isaanii oliitti of mi’eessuun jiraatan uummata Oromootti bobbaasuun hiraarsaa oolu. 

Maqaa gara garaa sababa hin taanee fi gocha sabicha hin ibsine itti maxxansuun uummaticha hiraarsaa kan oolu murni badiin kun, yeroo ammaa kana immoo kutaalee Oromiyaa cufa keessatti uummata bahaa fi gala dhorkuun bifa baratameen olitti dararaa adda addaa raawwachaa jiraachuu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Exit mobile version