Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Bachoo keessatti loltoonni impaayera Itiyoophiyaa qabeenyaa jiraattotaa ibiddaan gubuu fi saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Bitootessa 23, 2025 

Kibba Lixa Shaggar aanaa Bachoo ganda Shakurii Xaraqoo jedhamutti  Bitootessa 17, 2025 tiksitoonni impaayerattii sababa tokko malee manneen jireenyaa fi qabeenyaa namoota maqaan isaanii:

  1. Taakkalaa Kabbadaa jalaa manneen 3,
  2. Gizuu Zawudee jalaa manneen 2 midhaan nyaataa ardaba 16 fi qabeenya hunda waliin yoo guban, qotiyyoo 1, re’oota 7 fi hoolota 9 ammoo ooffatanii deeman.
  3. Akkasumas, Gannanaa Girmaa jalaa ammoo cidii xaafii tuullaa 2 gubanii 

jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, namootni yakkoonni gara jabinaa irratti raawwate kunneen siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo maqaa “hidhata Waraanaa Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhu itti maxxansuun guyyaa kana halkan keessaa toora sa’a 7:00’tti gara gandichaatti bobba’uun gochoota kanneen irratti raawwatanii deemuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Exit mobile version