ONM-ABO Bitootessa 11, 2025
Aanaa Bachoo ganda Shukurii Xaraqoo jedhamu irraa Bitootessa 4, 2025 Obbo Kuraa Ciibsaa Badhaadhaa nama jedhamu jalaa badii tokko malee loon 4 ooffatanii deemuun, guyyaa lama booda jechuun Bitootessa 6, 2025 ammoo mana jireenyaa isaa 2 ibidda itti shiduun barbadeessanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, Obbo Kuraan siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, ergamtoonni sirnichaa ammoo sababa sobaa “hidhata Waraanaa Bilisummaa Oromoo qabda” jedhu itti maxxansuun yakkoota gara jabinaa kanneen irratti raawwachuu dubbatu.
Tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa qawwee of harkaa qabanitti dhimma ba’uun haala duraan barameen olitti ilmaan Oromoo hiraarsuu fi boochisuu jabeessanii itti fufuun hawaasni qe’ee isaa irratti nagaan jiraachuu dadhabuun ni beekama.

