Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa maanguddoo Oromoo tokko rasaasa itti roobsuun ajjeesan

ONM-ABO Bitootessa 25, 2025 

Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Sirbaa Loyyaa jedhamu keessatti maanguddoo ganna 60 hawaasa biratti jaalalaa fi kabajaa guddaa qaban Abbaa Gadaa maqaan isaa Obbo Olaanaa jedhamu balleessaa tokko malee Oromummaa isaanii qofaaf loltoonni maafiyaan PP Bitootessa 18, 2025 guyyaa keessaa toora sa’a 7:00’tti rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattonni gandichaa miira gaddaan ONM’f gabaasan.

Utubduu impaayera dulloomtuu kan ta’an ergamtoonni Bilxiginnaa uummata dararuu malee yeroo tokkoof nagaa waaraa uummataaf buusanii kan hin beekne guyyaa dhufee darbuun maqaalee garaa garaa moggaafachuun uummata Oromoo ajjeesuu, ukkaamsuu, hidhuu fi saamuu jabeessanii itti fufanii jiru.

Exit mobile version