Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Abdii fi wanteen sabaa WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Muunneessaa keessatti diina du’aa fi madoon adabuu beeksise

ONM-ABO Bitootessa 26,2025

Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn Zoonii Kibba Baha Oromiyaa diina maqaa sakattaa WBO jedhuun bobbaatee uummata nagaa hiraarsaa turte guyyaa kaleessaa Bitootessa 25 aanaa Muunneessaa ganda Heeban Laaqicha iddoo addaa Callee jedhamtu keessatti loltoota Bilxiginnaa rasaasaan iddee baarudaan macheessuun uummata keessa olii gadi baqachiisee loltoota 10 irraa ajjeesee 18 madeessee jira.

Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 2, boombii harkaa 2, gumbii 10 , raadiyoo koolii 1 fi meeshaalee waraanaa hedduu irraa hiikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Lola kana keessatti lolchiisaan loltoota bilxiginnaa ajajaa dhibbaa namni Daawud jedhamu cichoota kaayyoo haqaatiin lola kana keessatti ajjeefamuun barameera.

Injifannoon Uummata Oromoof❗

Exit mobile version