Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Billoo Boshee keessatti hidhaan ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu akkaan cimee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 27, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa aanaa Billoo Boshee ganda Kooyyee Konchii keessatti Bitootessa 18 fi 22, 2025 hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Biqilaa Cimdeessaa,
  2. Gammachuu Waaqumaa,
  3. Tolaa Waaqumaa fi
  4. Asfawuu Waaqgaarii jedhaman badii tokko malee qe’ee fi qabeenyaa isaanii irraa hidhaatti darbachuun hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Akka maddeen himanitti, namoonni kunneen yakka qabaataniif osoo hin taane bara bulchiinsa abbaa irree Bilxiginnaa keessatti Oromoo ta’anii jiraachuu qofatu akka yakkaatti ilaalamaa jira jechuun daba uummata meesha maleeyyii irratti hidhaattoota sirnichaan geggeeffamaa jiru balaaleffachuun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Lubbuu uummata nagaatiin tirgaa siyaasaa kan taphatu koloneel Abiy Ahimed, dhiiga qeerroo fi qarree kumaatamaan jijjiirama siyaasaa argame butee barcuma aangoo qabatus impaayera somba ekeraa Minilikiin hargantu jireessuuf jecha golee Oromiyaa mara keessatti sabboontota ilmaan Oromoo akka bineensaatti adamsee hidhaa, ajjeesaa, saamaa fi dararuu cimsee itti fufee jira.

Exit mobile version