ONM-ABO Bitootessa 27, 2025
Aanaa Baakkoo Tibbee ganda Tarkaanfataa Gibee jedhamu irraa shiftoonni waraana Bilxiginnaa araada ilmaan Oromoo dararuu qaban, Bitootessa 22, 2025 namoota maqaan isaanii:
- Obbo Misgaanaa Namee,
- Fayisaa Misgaanaa,
- Hawwii Misgaanaa,
- Shaggee Shaambal,
- Obbo Baacaa Beekamaa jedhamanii fi
kanneen biroo lakkoofsaan hedduu ta’an badii tokko malee waajjira poolisii aanichaatti hidhanii hiraarsaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ibsanii jiru.
Namoonni hidhaman kunneen tuttuqaa siyaasaa kam irraa bilisa kan ta’anii fi maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu, ni nyaachiftan, mana keessan bulchitan” jedhuun yakkamanii hidhaatti darbatamuun rakkataa jiraachuun himamee jira.
Aanichatti jala deemtonni Bilxiginnaa, xiqqaa fi guddaa osoo hin jenne, gara laafina tokko malee jiraattota hundatti maqaa isaan hin qabne itti maxxansuun dararaa isaan guyyaa guyyaan raawwachaa jiran hammaachuun hawaasicha yaaddoo hamaa keessa kan isaan galche ta’uun dabalataan ibsamee jira.

