ONM-ABO Bitootessa 28, 2025
Saamichi qindaawwaan bifa haaraan jiraattota godina Kaaba Shaggar aanaa Kuyyuu ganda Dhaayee Willincoo irratti raawwachuu erga eegalee torban darbee kan jiru yoo ta’u, keessattuu maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo irratti kan xiyyeeffate ta’uunis ibsameera.
Jiraattota gandoota kanneenii saamichi irratti raawwate keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Obbo Mokkonnon Malkaa qarshii 53,000,
- Obbo Bojaa Habbaxaa qarshii 33,000,
- Obbo Katamuu Bojaa 33,000,
- Obbo Mootii Caalaa 33,000,
- Obbo Abdataa Dabalaa 33,000,
- Obbo Tolasaa Abdataa 33,000,
- Obbo Gishuu Bayyanaa 23,000,
- Obbo Kabbuu Birraatuu 33,000,
- Obbo Dirribaa Dammaa 13,000,
- Obbo Kabaa Dabalaa 60,000,
- Obbo Magarsaa Tafarii 20,000 fi kanneen biroo maqaan hin eeramne hedduunis saamamuun ibsameera.
Maallaqa saaman kanneeniis milishaan maqaan isaa Asaffaa Lammaa jedhamu adda durummaan waraana sirnichaa itti bobbaasuun kan saamsise oggaa ta’u, qarshii kuma dhibba sadiis dhuunfaa isaaf oolfachuun qarshii hafe akka gabaase maddeen keessoo murna PP ONM’f eeraniiru.

