ONM-ABO Bitootessa 29, 2025
Godina Boorana Bahaa Aanaa Liiban ganda Algee Qarsaa Ardaa Dhaddacha Goolaatti Bitootessa 19, 2025 uummata nagaa namoota Saddeet ukkaamsanii mooraa isaanii kan Saraansariitti argamutti hidhanii hiraarsaa turuun Kamisa Bitootessa 27, 2025 fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti baasanii WBO qabanne jechuun burjaajii uumuuf yaalii taasisaa akka turan beekameera.
Loltoonni maafiyaa PP lolaan WBO injifachuu dadhabuun ololaa jiran kunneen guyyaa uummata nagaa ukkaamsan kana hawaasa nagaa qe’ee isaarra jiraatu irratti dhukaasa banuun ajjeechaa fi madoo akka irratti raawwatanis jiraattonni kan himan oggaa ta’u, dargaggoon tokkos kan guyyaa sana madaa’e yaala fayyaa malee hidhamee jiraachuun dhaga’ameera.
Namoonni hawaasa naannoo biratti fudhatama qaban kanneen hirmaannaa siyaasaa kamirraayyuu qooda hin fudhannes ta’uun kan himamu yoo ta’u, maqaan isaaniis:
- Badhaadhaa Girjaa,
- Nuuriyaa Nageessaa,
- Alii Abdoo,
- Moolidoo Gololchaa,
- Ayyaanaa Waaree,
- Siraaj Cokkaa,
- Siraaj Damisee fi
nama tokko kan ammaaf maqaa isaa hin argannee fi kan madaa’ee harka waraana PP jiru waliin walii gala namoota 8 akka ta’an jiraattonni ONM’tti himanii jiru.

