Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Boorana Bahaatti waraanni murna PP ajjeechaa uummata nagaa irratti raawwatu cimsee itti fufe

ONM-ABO Bitootessa 5, 2025 

Murni duguuggaa sanyii saba Oromoo irratti raawwachuuf bobbaafame Bilxiginnaan, gochoota gara jabeenyaa bifa adda addaan qe’ee ilmaan Oromootti raawwachuun gadda manneen uummataatti uwwisaa oola.

Haaluma kanaan Bitootessa 4, 2025 godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Hardootii araddaa Dhalaanitti dargaggeessa ol-adeemaa abdii biyyaa ta’e kan maqaan isaa Gabbii Kettelloo Jeedalaa jedhamu ganama keessaa naannoo sa’a 2:00’tti mana maatii isaatii qabamee ajjeefamuu isaa maddeen keenya naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Akka maddeen himanitti dargaggoon kun badii tokkollee kan hin qabnee fi siyaasa dhaaba kamiyyuu kan hin hordofne ta’uu ibsuun, sababa Oromummaa isaa qofaaf yakkamee kan ajjeefame ta’uu yaada isaaniitti dabaluun ONM’tti himanii jiru.

Exit mobile version