Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Boorana Bahaa Aanaa Liibanitti waraanni maafiyaan PP ajjeechaa uummata nagaa irratti raawwachuun ibsame

ONM-ABO Bitootessa 22, 2025 

Godina Boorana Bahaa aanaa Liiban ganda Algee Qarsaa Ardaa Dhaddacha Goolaatti waraanni PP Bitotteessa 19, 2025 dhukaasa uummata nagaa irratti banuun maanguddoo maqaan isa Obbo Areerii Goobanaa Uddoo jedhamu yakka tokko malee rasaasa ittii roobsuun ajjeesanii gatuu jiraattonni ONM’tti himaniiru.

Dhukaasa loltoota maafiyaa PP kanaan maanguddoo kana malees dargaggeessi maqaan isaa Siraaj Damisee Qundhii jedhamu rukutamee kan madaa’e oggaa ta’u loltoonni ilmoo namaaf gara laafummaa hin qabne kunneen akkuma madeessaniin fuudhanii mooraa waraanaa Saraansarii jedhamutti geessuun dararaa turuun ibsameera.

Dargaggeessi loltoota faashistii PP’n madaa’e kunis hanga gabaasni kun qindaa’etti yaala fayyaa kan hin arganne yoo ta’u, madoo jabaan osoo jiruu yeroo ammaa kanas buufata waraanaa keessatti hiraarfamaa jiraachuunis addeeffameera.

Exit mobile version