Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Sayyootti sarbamiinsi mirgoota namoomaa ergamtoota sirnichaan jabaachuun beekame

ONM-ABO Eebla 1, 2025 

Godina Qellem Wallaggaa aanaa Sayyootti hidhaan ergamtoota faashistii PP’n jabaachuun maqaa hariiroo waraana Bilisummaa Oromoo qabduun guyyaa guyyaan namootni nagaan hojiilee garaa garaatti bobba’uun jireenya isaanii foyyeeffachuuf tattafatan adamfamanii manneen hidhaatti guuramuun sarbamiinsi mirgoota namoomaas irratti raawwachaa jira.

Keessattuu torban kana keessa qofa namootni hidhaman baay’inaan 20 ol yoo ta’an, isaan keessaa kanneen maqaan nu qaqqabe muraasnis: 

  1. Toomaas Horaa,
  2. Lateeraa Gammachuu,
  3. Carraa Taayyee fi 

namootni maqaan nu hin qaqqabne hedduun mooraa waraanaa magaalaa Dambii Doolloo ganda 07’tti hidhamuun dararamaa jiraachuun beekameera.

Akka maddeen jedhanitti namootni hidhamanii jiran kunneen yakka dalaganiif osoo hin taane, sababa hattuun tokko maqaa namoota jibbuu eere qofaaf namoota nagaa mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu himuun, mooraa sana keessa namootni maqaan isaanii nu hin qaqqabne hedduunis baatii sadii oliif mooraa sana keessatti hidhamanii dararamaa jiraachuus itti dabaluun gabaasaniiru.

Gara jabeeyyiin waraana maafiyaa PP karoora badiisaa fi ajandaalee ittiin uummata Oromoo dadhabsiisan guyyuu qabatanii qe’ee namootaa hamminaa fi yakkoota jal’inaan faaluun lubbuu kichuuwwanii hudhaatti kutuu, namoota abdii biyyaa ta’an sabboonummaa isaaniin addatti fo’anii jireenya isaanii guutuu manneen hidhaa taasisuu, sababa qabsaa’ota dirreen maatii fi firroottan yakkanii manneen hidhaatti galchuun maallaqa gaafachuu fi araddaa qonnaan bultootaa keessaa manneen gubuun jireenya daandii irraa fi baqaaf saaxilaa jiru.

Exit mobile version