ONM-ABO Gurraandhala 7, 2025
Ergamtoonni murna abbaa irree Bilxiginnaa dantaa dhuunfaa isaanii qofaaf bitamuun uummata Oromoo irratti miidhaa hangana hin jedhamne raawwataa jiru.
Aanaa Sayyoo bakkeewwan addaa addaatti impaayera Itiyoophiyaa dinagdeen ishee gama maraan qilee bu’e suphuuf halkanii fi guyyaa kan dhama’an ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha daangaa darbeen hawaasa nagaa humnaa ol dararuu hammeessuun, yeroo ammaa kanas ganda Ifa Galanoo jedhamu keessaa maqaa kaffaltii gibiraa, WALQO, Inshuraansii fayyaa hawaasaa, Buusaa Gonofaa fi kkf hedduu itti tarreessuun kan durii irratti dachaa meeqaan saamaa kan jiran ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, aanicha keessatti sarbamiinsi mirgoota namoomaa illee daran hammaachuun, kan yeroo kamiiyyuu caalaa wayita ammaa hawaasni ba’ee galuufiyyuu haala rakkisaa fi yaaddessaa keessa kan jiru ta’uunis dabalataan ibsameera.

