ONM-ABO Ebla 5, 2025
Uummanni Oromoo kabajaa fi ulfina dhabee biyya isaa dachee Oromiyaa irratti guyyaa mirgi namummaa isaa sarbamee kaasee aarsaa qaqqaalii kaffalaa har’a kan ga’e yoo ta’u, keessattuu bara bulchiinsa Bilxiginnaa keessa qe’een isaa isaa yakka tokko malee jalaa manca’aa itti fufuun, Ebla 4, 2025 godina Baha Shaggar aanaa Dugdaa ganda Waldaa Qal’inaa bakka addaa Giicoo jedhamu keessaa manneen qonnaan bultootaa 10 ol loltoota faashistii PP’n gubachuun ibsameera.
Namoota manneen jalaa gubate keessaa kanneen maqaa arganne:
- Obbo Duulaa Roobaa,
- Obbo Abuu Gabee,
- Obbo Beenyaa Dambii,
- Obbo Gabee Bobbaasoo,
- Aadde Funyee Waldawoo,
- Obbo Tolaa Nabii,
- Obbo Nagaawoo Foollee,
- Aadde Dubroo Barisoo fi
- Obbo Gadaa Nagaawoo kanneen jedhaman ta’uun addeeffameera.
Aanaa Dugdaatti loltootni faashistii PP kunneen uummata hiraarsuu irratti fuulleffachuun namoota bahaa fi gala dhorkaa kan jiran yoo ta’u, uummatni naannichaa nageenya isaaniif yaaddoo hamaa keessa akka jiran jiraattonni ONM’f yaada isaanii qoodan himaniiru.

