ONM-ABO Ebla 7, 2025
Godina Arsii Bahaa aanaa Martii keessatti Ebla 6, 2025 murni badee balleessaan impaayera Itoophiyaa jaleewwan isaa kutaalee Oromiyaa mara keessatti bobbaasuun hawaasa Oromoo irratti gocha duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa raawwachaa kan jiru ganda Heellaa Akkiyyaa jedhamu keessatti manneen qotee bultootaa jumlaan itti bobba’uun gubanii barbadeessuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf ifoomsanii jiru.
Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa muraasni maqaan nu ga’e:
- Muusaa Hasan,
- Huseen Hasan,
- Qaasim Hasan,
- Bayaan Hasan,
- Muhaammad Bahamud,
- Aadam Qomichaa,
- Ahimad Qomichaa,
- Ifaa Idirisoo,
- Gabii Qaasim, fi
- Hiisaa Hasan
kanneen jedhaman sababa tokko malee qe’ee fi qabeenyi isaanii ibidda waraanni goolessaan murna Bilxiginnaa itti shidaniin barbadaa’uu maddeen ONM’f ifoomsanii jiru.
Akka maddeen ibsanitti namoonni kun kanneen bultii qabanii fi hojii dhuunfaa isaanii irratti bobba’uun mana isaanii jiraachifatan yoo ta’u, maqaa dharaa Waraana Bilisummaa Oromoo tumsitu jedhuun yakkanii qe’ee fi qabeenya isaanii barbadeessuu itti dabaluun addeessanii jiru.

