ONM-ABO Ebla 7, 2025
Aanaa Fantaallee ganda Qaxxaamurree fi Harooreessaatti waraanni impaayerattii maqaa quubsuma WBO balleessina jedhuun nama tokko ajjeesanii manneen hedduu gubuun uummata tikfatee bultoota godaansisuun dhaga’ame.
Torban kana keessa maqaa sakattaa WBO’n sochii waraanni faashistii PP gochaa jiruun manni gubate baay’inaan 200 ol yoo ta’u, jiraattoonni manni jalaa gubachuun qabeenyaan jalaa saamames bakka qubsumaa dhabuun ilmaan isaanii waliin beelaa fi dheebuun bakkee onaa keessatti dararamaa jiraachuun beekameera.
Akka jiraattonni onichaa jedhanitti waraanni PP gandoota Qaxxaamurree fi Harooreessaa irraa Ebla 5, 2025 bosona keessa riphuun uummata gandoota kanneenis goolaa kan turan yoo ta’u, reebichaa fi dararaa guyyaa sana raawwateenis namni yeroof maqaan isaa adda hin baafamin tokko ajjeefamuun namoonni hedduun ammoo miidhaa qaamaa cimaan irra ga’uu dubbatu.

