Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ameerikaa duula boombii Yaman irratti taasisaa jirtuun bakkoota xiyyooffannoo garee finciltootaa Huutii 100 ol rukutte

ONM-ABO Ebla 9, 2025 

Waraanni Ameerikaa erga duula boombii darbachuu Yaman keessatti bifa haaraan eegalee bakkoota Huutii 100 ol ta’u rukutee jira jechuun qondaalli ittisaa Ameerikaa Kibxata kaleessaa Al Arabiya English’tti himaniiru.

“Meeshaalee ajajaa fi to’annoo, bakka omisha meeshaa waraanaa, fi bakka meeshaalee waraanaa sadarkaa olaanaa qaban barbadeessineerra. Akkasumas du’a hoggantoota Huutii hedduu mirkaneessineerra,” jedhan qondaalli kun, eenyu akka ajjeefame ibsa dabalataa osoo hin kennin.

Qondaaltonni akka jedhanitti, boombiiwwan B-2 bakka lafa jalaa Huutii fi bakka meeshaa waraanaa itti kuusan irratti hojii gaggeessaa turan. Xiyyaaronni hedduun haleellaa kana deggaruuf galaana Hindii keessa buufatanii jiru.

Jeneraalli waraanaa Ameerikaa olaanaa Baha Giddu Galeessaa, Jeneraal Erik Kurilla, torban darbe imala gara Sa’uudii Arabiyaatti qondaaltota waraanaa olaanoo Yaman waliin wal arganii turan. Kurilaa fi gita isaanii Yaman duula Ameerikaan Huutii irratti gaggeeffamaa jiru, “bilisummaa yabala dooniiwwan galana diimaa irraa deebisuuf kan qophaa’e,” jedha, Ajajaan Giddugaleessaa (Centcom).

Huutiinis gama isaan haleellaa hedduu doonii Ameerikaa irratti raawwachuu himaniiru. Ji’oota lamaan darban keessa yoo xiqqaate diroonii sadii rasaasaan rukutamuu qondaaltonni ibsuu Al Arabiyaan gabaaseera.

Exit mobile version