Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni Bilxiginnaa qawwee isiniif binna jechuun jiraattota irraa maallaqa guuraa jiraachuun himame

ONM-ABO Ebla 10, 2025 

Arsii Bahaa aanaa Suudeetti saamtonni Bilxiginnaa maqaa kaffaltii gosa garaa garaa itti tarreessuun saamicha hawaasa irratti raawwatan ittuma fufuun, wayita ammaa kanas “gandi tokko qawwee 15 mootummaaf bituu qaba” jechuun gandoota akka: Ashmiiraa Wargaanbuullaa, Lashee Darrabbaa fi magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti torban darbe irraa eegaluun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 500’n guuraa turuu jiraattonni dubbisne Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Dabalataanis, aanicha keessatti dhiittaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufee kan jiru yoo ta’u, namoonni hedduunis sobaan yakkamanii hidhaatti darbatamuun qarshii humnaa olii gaafatamaa jiraachuu itti dabaluun eeranii jiru.

Dhaabbiitti du’ee awwaalcha kan dhabe faashistichi Abiy Ahimed, qabeenya uummata walitti kuufatee dantaa fi fedhii dhuunfaa isaa eeggatee bulchiinsa isaa jabeessuuf Oromiyaatti humna waraanaa bobbaasee weerara geggeessee jiruun, saamicha, hidhaa fi sarbamiinsi mirgoota namoomaa addaa addaas raawwachaa jira.

Exit mobile version