ONM-ABO Ebla 13, 2025
Aanaa Suudee magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti Ebla 10, 2025 lukkeeleen faashistii PP “kaffaltii gibiraa fi heyyama daldalaa fidaa” jechuun manneen daldalaa hawaasa nagaa cufaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kana malees, magaalicha keessatti ittiin isin eegnaa qawwee bitaa jechuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii dhibba shan shan guuraa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa kanneen garaa isaanii furdifachuu qofaaf jiraatan sababoota garaa garaa wabeeffachuun ilmaan Oromoo dararuu itti fufanii jiru.

