• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Arsii Bahaa Aanaa Suudeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota jalaa manneen daldalaa cufaa jiraachuun himame

Apr 16, 2025

ONM-ABO Ebla 13, 2025 

Aanaa Suudee magaalaa Darrabbaa ganda 01 keessatti Ebla 10, 2025 lukkeeleen faashistii PP “kaffaltii gibiraa fi heyyama daldalaa fidaa” jechuun manneen daldalaa hawaasa nagaa cufaa jiraachuu jiraattonni dubbisne tokko tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, magaalicha keessatti ittiin isin eegnaa qawwee bitaa jechuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii dhibba shan shan guuraa kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Tiksitoonni impaayera Itiyoophiyaa kanneen garaa isaanii furdifachuu qofaaf jiraatan sababoota garaa garaa wabeeffachuun ilmaan Oromoo dararuu itti fufanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading