ONM-ABO Ebla 11, 2025
Goolessitoonni murna PP uummata Oromoo dararuun jiruu idilee isaanii ta’e gochoota badii isaanii hawaasa irratti jabeessuun Lixa Harargee aanaalee akka Hancaar, Daaroo Labuu fi Mi’eessoo keessatti yakka tokko malee sarbamiinsa mirga namoomaa uummata irratti jabeessuun manneen hidhaatti galchanii dararaa fi saamicha raawwachaa jiraachuun jabaatee itti fufeera.
Dabaa fi hamminaan kan guutame murni Bilxiginnaa saamtotaa fi goolessitoota waraana isaa uummatatti duulchisuun guyyuu gaaffii seeraa tokko malee akka fedhee fi yeroo fedhetti mana isaa keessaa gadi baasuun ajjeesuu hidhuu, saamuu fi dararaa jabaa adda addaan uummata Oromoo gidirsaa jiru tibbana ammoo bifa haarawaan godinaalee Harargee lamaan; keessattuu Lixa Harargee aanaalee hedduu keessatti rakkoo qaqqabaa jiruun hawaasni hedduun qe’ee gadhiisee baqachaa jiraachuun ibsameera.
Goleewwan Oromiyaa cufa keessatti yakkoota garaa garaan miidhamaa kan jiru uummatni Oromoo murni garboomfataan PP balleessaa tokko malee mirga abbaa biyyummaa isaa mulquun jiruu gadadoof saaxilaa jiraachuu fi duguuggaa sanyii irratti raawwachaa jiraachuun kan beekamuudha.

