ONM-ABO Ebla 28, 2025
Aanaalee akka Daaroo Labuu, Hancaar, Habroo fi kkf keessatti ergamtoonni murna PP daa’imman umuriin isaanii leenjiif hin geenyee fi dargaggoota ukkaamsuun adda waraanaatti guuraa jiru. Kana malees yakka tokko malee uummata mana hidhaatti guuranii dararaa jiraachuu jiraattonni ONM’f ifoomsanii jiru.
Mootummaa uummataaf dhaabbatu ijaarre jedhee holola sobaa afarsaa kan oolu murni Bilxiginnaa faallaa holola isaatii ammoo murna uummata gidirsu kan dantaa murna isaa qofa tiksu mataa uummataa irratti hundeeffachuun guyyuu dararaa ulfaataa garaa garaa fi duguuggaa sanyii geggeessaa jiraachuun kan beekamuudha.
Murni kun waraana isaaf amanamoo ta’an bobbaasuun goleelee Oromiyaa cufa keessatti ajaja faashistii PP koloneel Abiy Ahimediin kan bobbaafaman ergamtoonni fi tiksitoonni impaayerattii guyyaa dhufee darbuun yakkoota sarbamiinsa mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti raawwachaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya kan yaadatamuudha.

