ONM-ABO Ebla 10, 2025
Prezidaant Voldaameer Zelenskiin Roobii kaleessaa akka jedhanitti, basaasni Yukireen lammiileen Chaayinaa 155 waraana Raashiyaa fi Yukireen geggeeffamaa jiru irratti hirmaatanii Raashiyaaf lolaa jiraachuu odeeffannoo argachuu ibse.
Zelenskiin Keev keessatti ibsa gaazexeessitootaaf kennaniin Raashiyaan lammiilee Chaayinaa karaa miidiyaa hawaasaa qacartee akka turtee fi qondaaltonni Chaayinaa kana quba akka qaban dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis Yukireen namoonni qacaraman qajeelfama Beejiing irraa argachaa jiraachuu isaanii madaaluuf yaalaa jirti jedhan.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa akka jedhanitti Chaayinaan haala Yukireen waliin jiru mirkaneessaa jirti, mootummaan ishee yeroo hunda lammiileen ishee naannoolee waldhabdee hidhannoo irraa akka fagaatan fi “keessattuu hojii waraanaa dhaaba kamiyyuu irratti akka hin hirmaanne” kan gaafatu ta’uu ibsaniiru jechuun Rooyiters gabaaseera.

