Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Kiiramuutti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota dirqamaan gara leenjii waraanaatti guuruu itti fufan 

ONM-ABO Ebla 15, 2025 

Imaanaa abbaan isaa Minilik itti kenne milkeessuuf kan dhama’u mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed, ilmaan Oromoo lola isaan hin ilaallannetti hirmaachisee ficcisiisuuf jecha kutaalee Oromiyaa cufa keessaa bifa adda ta’een adamsiisee gara leenjii waraanaatti guursisaa jira.

Aanaa Kiiramuu ganda Caffee Sooromaa jedhamu keessaa tiksitoonni bututtuu impaayera Itiyoophiyaa Ebla 13, 2025 qonnaan bultoota maqaan isaanii:

  1. Nagaraa Lamuu,
  2. Mokonnon Bayyanaa,
  3. Aagaa Wiirtuu,
  4. Fayyeeraa Tarrafaa,
  5. Gaddafaa Raajee fi 

kanneen biroo hedduu ta’an dirqamaan leenjii milishummaaf ukkaamsanii jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Kana malees, aanicha keessatti hidhattoonni Amaaraa maqaa Faannoo jedhuun of waaman yeroo adda addaatti deggersaa fi abdii murna Bilxiginnaan daangaa qaxxaamuruun ilmaan Oromoo irratti gochoota gara jabina dhageettii gurraafuu hin tolle hedduu raawwachaa kan jiran ta’uunis dabalataan ibsameera.

Exit mobile version