ONM-ABO Ebla 18, 2025
Ebla 15, 2025 waraanni sirnichaa aanaa Siree ganda Koloba Hawaas keessatti dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii:
- Namoo Ahimad fi
- Darsaa Abdulaxiif jedhaman
badii tokko malee hidhaatti darbachuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiraachuu maddeen ONM’tti himanii jiru.
Dargaggoonni kunneen yakka dalaganiif osoo hin taane waraanni maafiyaan PP lolaan WBO injifachuu dadhabuu irraan kan ka’e jiraattota gandoota baadiyyaa aanichaa guutummaatiin isintu Waraana Bilisummaa Oromootti daandii agarsiisa, isintu nyaachisee obaasa akkasumallee isintu ba’aaf gala keenya hordofee itti hima jechuun dararaa akka jiran ONM’f eeranii jiru.
Barcuma siyaasaa of harkaa qabu tikfachuu fi impaayera bututtuu somba Minilikiin hargantu jalatti saba Oromoo afaan qawween sodaachisee bulchuuf kan yaadu faashistichi abbaa irree Koloneel Abiy Ahimed, goleewwan Oromiyaa mara keessatti sabboontota ilmaan Oromoo badii isaan hin qabne itti maxxansuun hidhaatti guuraa jiraachuun kan beekamuudha.

