Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa Aanaa Martiitti saamichi qabeenyaa fi hidhaan hawaasa nagaa irratti jabaatee itti fufe

ONM-ABO Ebla 24, 2025 

Murni bulchiinsa abbaa irree kan uummata irratti afaan qawween waan fedhe raawwachaa bulchiinsa haqaan geggeessaa jira ofiin jedhu godina Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Heellaa Akkiyaa jedhamu keessatti Ebla 18, 2025 qabeenya uummataa jumlaan saamuu fi hawaasa nagaan hojjetatee qe’ee isaa irra jiraatu mana hidhaatti  guuranii hiraarsaa jiraachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf addeessanii jiru. 

Haaluma kanaan namoonni waraana faashistii PP’n butamuun mana hidhaa keessatti hiraarfamaa jiran kanneen maqaan nu ga’e:

  1. Sulxaan Aliyyii,
  2. Abdurhamaan Adam,
  3. Haamid Garbii,
  4. Jamilaa Abdoo,
  5. Sheek Hasan Umar, fi
  6. Abbabuu Amaanoo 

kanneen jedhaman yoo ta’an, namoonni kunneen balleessaa tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkamanii jaleewwan sirnichaan ukkaamfamuun hidhamanii gidirfamaa jiraachuu jiraattonni ONM’f ifoomsanii jiru. 

Kana malees kanneen qabeenyi isaanii ergamtoota PP’n jalaa saamamuun qe’ee isaanii golgoleessanii harka duwwaatti hambisan keessaa muraasni maqaan nu gahe:

  1. Jamaal Qaasim,
  2. Ibraahim Tarree,
  3. Abdoo Ibraahim,
  4. Musxafaa  Amaan,
  5. Gabii Qaasim kan jedhaman ta’uu ONM dabaluun odeeffateera.
Exit mobile version