Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Baateetti ergamtoota maafiyaa PP’n daandiin magaalaa Baatee irraa gara Warra Waayyuu deemu guyyaa 5’ffaaf cufamee jiraattotni rakkachaa jiraachuu ONM odeeffate 

ONM-ABO Ebla 29, 2025 

Godina Walloo aanaa Baateetti daandiin guddichi magaalaa Baatee irraa ba’ee Warra Waayyuu geessu hidhattoota sirnichaan kan cufame yoo ta’u, sababa kanaanis jiraattotni bittaa fi gurgurtaaf magaalaa Baatee deeman yeroo ammaa akkaataa ittiin magaalicha deeman dhabanii garmalee rakkachaa akka jiran ONM’tti himaniiru.

Akka jiraattotni jedhanitti sababni daandiin guddichi kun hidhattoota sirnichaan cufamee konkolaataa fi namnis miillaan akka hin deemne godhameef waanti ifa nuuf ta’e tokkolleen hin jiru, garuu nuti akka jiraattota Warra Waayyuutti magaalaa sana deemuudhaaf hedduu rakkachaa jirra, daandiin kun kan cufame Ebla 24, 2025 nuti ammoo keessattuu yeroon kun yeroo nuuf addaati, maangoon keenya garmalee bilchaateera, garuu magaalaa baafnee gurgurachuu hin dandeenye jechuun komii qabanis miira gaddaan guutameen ONM’f himaniiru.

Akka jiraattonni jedhanitti magaalaa baanee bituuf gurguruu hanqachuu hordofee kuduraa fi muduraan oomshni keenyas badaa jira kan jedhan oggaa ta’u, qaamolee sirnichaatti iyyannus furmaata waaraa argachuu hin dandeenye jechuun itti dabaluun himaniiru.

Exit mobile version