ONM-ABO Fulbaana 3, 2024
Bifuma kanaan godina Walloo bulchiinsa magaalaa baatee fi gandoota aanichaa keessatti uummanni rakkoo dhiittaa mirga namoomaan isaan irra gahaa jiruun cinaatti rakkoo bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandiin rakkatanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen aanichaa himan.
Daandiin laga Caffee guddichi magaalaa Baatee fi warra Waayyuu, Sankoora, akkasumas daandii guddicha hawaasa Warra Waayyuuu fi maagaala Baatee wal qunnamsiisu yoo ta’u, daandiin kun hawaasa aanaa oollaa kan ta’e Warra Baabboo fi magaalaa Baatee wal qunnamsiisu daandii guddaa hawaasichi itti fayyadamu ta’uu kan ibsan maddeen, haa ta’u malee qaamni dhimmi ilaallatu rakkoo keenya furuu dhiisee waraana isaa nutti bobbaasuun bahaaf gala nu dhorkaa jira jedhan.
Yeroo ammaa kana hawaasni naannicha keessa jiraatu haala ulfaataa keessummeessaa kan jiru yoo ta’u, murni impaayerattii bulchaan jira jedhu gocha farrummaa uummata Oromoo jilbeenfachiisuuf hojjetu jabeessuun, akka bulchiinsaatti waan hojjechuu qabu dhiisee loltoota isaa bobbaasuun uummata nagaa hiraarsuu itti fufee jira.
Bulchiinsi impaayera Itiyoophiyaa afaaniin hawaasan fayyada jechaa garuu faallaa isaa hawaasicha dhiitee bulchuuf kan hojjechaa jiru ta’uun, daandii hawaasi bal’aa ittiin tajaajilu kana yeroo ammaa kanatti hojjechuu dhabuun, bajaajiis ta’e konkolaataan akkasumas nama dabalatee gara irra deemu dhabee rakkoo hamaaf saaxilamaa jiraachuun himameera.
Qaamni dhimmi kun ilaallatu bulchiinsa godinaas ta’e bulchiinsi magaalaa Baatee fii aanaa Baatee rakkoo hawaasa magaalaa Baatee kanaaf furmaata waaraa barbaadaa kan hin jirre ta’uu maddeen himanii, akka waliigalattis hawaasni godinichaa rakkoo wal fakkaataa ulfaataa ta’e keessatti kufanii jiraachuu maddeen godinichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

