Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Siiriyaa hariiroo tarsiimoo US waliin qabdu guddisuuf banaa ta’u dippilomaatii olaanaan ibsan

ONM-ABO Caamsaa 1, 2025 

Ministirri Dhimma Alaa Siiriyaa Asaad al-Shaayibaanii Roobii kaleessa Al Arabiyaatti akka himanitti, Siiriyaan Ameerikaa waliin hariiroo tarsiimoo uumuuf banaa ta’uu ibsaniiru.

Al-Shaayibaanii gaaffiin Waashingitan qoqqobbii kaasuuf sababa ta’uu danda’u, irra caalaa qajeeltoowwan mootummaa Siiriyaa waliin kan walsimu ta’uu ibsuun, mootummaan “qoqqobbii siyaasaan kaa’ame” akka didu himaniiru.

Al-Shaayibaaniin New York bakka dippilomaatiin olaanaa Siiriyaa walgahii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irratti hirmaacha ture irraa  Al Arabiya waliin haasawa taasisaniiru.

Qondaaltonni Ameerikaa Al  Arabiya Englishtti akka himanitti, dippilomaatii olaanaan kun Kibxata  qondaaltota Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa waliin wal argu jedhamee eegama.

Al-Shaayibaniin Al Arabiyaatti akka himanitti, “Ameerikaa waliin dantaan waloo hedduudha. Itti dabaluudhaanis, “Ameerikaa waliin haasa’uun sadarkaa olaanaa fi sadarkaa gaarii irra jira,” jechuun dabaluu Al Arabiyaan gabaaseera.

Exit mobile version