ONM-ABO Caamsaa 4, 2025
Barsiisaa dhaloota qaru hidhuu fi lubbuu obbaasuun impaayera Itiyoophiyaa keessatti hammaatee kan jiru oggaa ta’u, torban lama dura jiraataa magaalaa Adaamaa kan ta’e gaaffii seeraa waan gaafate qofaaf ukkaamfamee akka hidhametu himama.
Barsiisaan hidhame kunis maqaan isaa Nuuraddiin Ibraahim kan jedhamu yoo ta’u, gaaffii hojii misoomaa fi qeeqa dhiyeessuu isaa qofaaf bulchaa godina Arsii Lixaa Ahimed Hajjii nama jedhamuun qabsiifamee bulchiinsa magaalaa Shaashamanneetti hidhamee gidirfamaa akka jirus beekameera.
Hanga gabaasni kun qindaa’eettis barsiisaan kun mana murtiitti kan hin dhiyaanne yoo ta’u, hojii idilee isaa irraa gaaffiilee biyya gargaaruu fi ijaarsaa waan gaafate qofaafis akka yakkamee hidhames jiraattonni dubbatu.
