Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Jimmaa Raaree keessatti hidhaa fi dararaan hawaasa nagaa irratti murna Bilxiginnaan geggeeffamu cimee itti fufe

ONM-ABO Caamsaa 7, 2025 

Naasuu tokkollee dhala namaaf kan hin qabnee fi naamusni waraanummaa irraa kan hin calaqqisne waraanni faashistii PP dantaa nam-tokkee tiksuuf jecha golee Oromiyaa mara keessaa dhiiga uummata nagaa dhangalaasaa, namoota nagaa adamsee hidhaa, saamaa fi dararaa golee jira.

Haaluma kanaan Caamsaa 4, 2025 aanaa Jimmaa Raaree ganda Ifa Biyyaa keessatti sababa tokko malee hawaasa nagaa kanneen maqaan isaanii:

  1. Qixxeessaa Lataa,
  2. Darajjee Shubulii,
  3. Addaamaa Goobanaa,
  4. Firdiisaa Goobanaa,
  5. Shooyyee Tarrafaa,
  6. Daggituu Barasaa,
  7. Sambataa Jabboolaa,
  8. Jabeessaa Hundumaa,
  9. Mokonnin Dhugaasaa,
  10. Deeyisaa Garree fi 

kanneen ammaaf maqaan isaanii nu hin qaqqabne hedduu badii tokko malee hidhee hiraarsaa jiraachuu maddeen ONM’f addeessaniiru.

Akka maddeen himanitti namoonni qe’eef qabeenya isaanii irraa jaleewwan Bilxiginnaan hidhaman kunneen badii seeraa hojjetaniif osoo hin taane, akkuma guutummaa aanichaatti ergamtoonni sirnichaa tibba kana maqaa gibira kaffaluu diddan jedhuu fi ilmaan keessantu bosona jira jedhuun qonnaan bultoota siyaasa kam keessayyuu hin jirre mana hidhaatti guuraa jiraachuu dubbatu.

Exit mobile version