ONM-ABO Caamsaa 10, 2025
Oromiyaa kutaalee adda addaatti ogeessotni fayyaa gaaffii mirgaa qabaniif hiriira ba’anii sagalee isaanii dhageessiffachaa jiraachuu hordofee Abiy Ahimed yaaddoo keessa galuun karaa ergamtoota isaa hojjettoota walga’ii baasaa jiru.
Magaalaa Jimmaatti jaleewwan sirnichaa sababa sodaa hiriirri fi lagannaa qindaa’aan eegaluu danda’a jedhamuuf jecha guyyaa kaleessaa Caamsaa 9, 2025 manneen barumsaa hunda cufuun, yeroo xiqqoo barattoonni barnoota barachaa jiran xumuruuf qaban jalaa qisaasessaa waltajjii teessisaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Kaayyoon waltajjichaas, barsiisota maqaa “hard-core ykn adda duree ykn rincicoo ta’an adda baasanii beekuu” jedhuun sobanii siyaasaaf dhimma itti ba’uuf karoorfatanii jiraachuun baramee jira.
Kaabinoonni Bilxiginnaa magaalichaa barsiisota waltajjicha irratti gaaffii gaafatanii fi yaada isaaniin faallaa ta’an kaasan, maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkanii hidhuu, doorssisuu fi miidhaa ulfaataa irraan gahuuf akka qophaa’anii jiran icciitiin keessoo isaaniitii miliqee ba’e ni ifoomsa.
Yeroo ammaa ogeessotni fayyaa Kibxata darbe irraa eegaluun hiriira geggeessaa kan jiran yoo ta’u, hanga Kibxata Caamsaa 13, 2025’tti deebii kan hin arganne yoo ta’e duula hojii dhaabuu geggeessuuf akka jiran akeekkachisaniiru.

