Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Furseetti loltoota Abiy Ahimediin hidhaa fi reebichi yoo raawwatamu, meeshaa gurguddaas qe’ee jiraattotaatti dhukaasuun manneen namootaa gubuun, hawaasas buqqisan

ONM-ABO Caamsaa 10, 2025 

Meeshaalee gurguddaa silaa daangaan biyyaa ittiin eegamu hidhattootni murna Bilxiginnaa aduu-dhihee bari’u qe’ee uummata Oromoo irratti dhukaasuun miidhaa lubbuu namaa fi qabeenyaa jiraattotaa irraan ga’uun namoota danuus qe’ee irraa biqqisaa jiru.

Aanaa Harxummaa Fursee bakkoota adda addaatti hidhattootni sirnichaa maqaa sakattaa WBO jedhuun baay’inaan bobbaafaman Caamsaa 8, 2025 qe’ee hawaasaa keessa Dishqaa dhaabbachuun  jiraattota irratti dhukaasaa kan turan yoo ta’u, meeshaa loltootni murna Bilxiginnaa dhukaasaa turan kanaanis ganda Utaaltee irraa manni qonnaan bulaa maqaan isaa Obbo Mahaammad Aliyyee Ammaduu jedhamuu mi’a mana keessaa cufa waliin gubatee barbadaa’uun ibsameera.

Aanichatti sababa ergamtoonni sirnichaa qe’ee hawaasaa irratti guyyuu meeshaalee gurguddaa darbachaa oolaniif hawaasni aanichaa yeroo silaa ooyiruu isaanii qotachuu qabanitti lubbuu isaanii oolfachuuf jecha qe’ee isaanii gadhiisanii buqqa’aa jiraachuunis eerameera.

Oduu hidhaatiin ammoo aanichuma  ganda Abbayyoo irraa Caamsaa 5, 2025 hidhattootni Bilxiginnaa kunneen qonnaan bultoota danuu garmalee reebanii qaama laalessuun hidhaatti kan darbatan yoo ta’u, isaan keessaa kan maqaa argannes:

  1. Usmaan Umar,
  2. Aliyyi Ammaduu,
  3. Tuuttoo Usmaan,
  4. Hasan Guddalee fi
  5. Abdallaa Hasanee kanneen jedhaman akka ta’an ONM odeeffateera.
Exit mobile version