ONM-ABO Caamsaa 12, 2025
Lixa Shaggar Aanaa Abuunaa Gindabarat ganda Gaagoo Solee bakka addaa Qarree Biitee jedhamu keessatti Caamsaa 9, 2025 waraanni sirna dhableessi impaayera Itiyoophiyaa jiraattota midhaan nyaataa daaksifatanii galaa turan kanneen baay’inni isaanii 50 ol ta’an daandii gubbaatti eeggachuun waan isaan qaban guutummaan jalaa saamuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Namoota saamaman keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Aadde Shukkaaree Fayisaa jalaa daakuu midhaanii kuntaala 1,
- Aadde Qananii Masfinee jalaa kuntaala 1,
- Aaddee Asmaraa Tolasaa jalaa kuntaala 1,
- Aadde Caaltuu Damee jalaa kiilo-giraama 50,
- Aadde Galaanee Fufaa jalaa kiilo-giraama 50,
- Aadde Taabuu Gonfaa jalaa kiilo-giraama 50,
- Obbo Deesisaa Tolasaa jalaa kiilo-giraama 50 fi
- Obbo Dirribaa Gammadaa jalaa ammoo daakuu midhaanii kuntaala 1 fi Ashaboo nyaataa kiilo-giraama 50 saamanii jiraachuun eeramee jira.
Akka maddeen himanitti, jiraattonni kunneen ganda isaan keessa jiraatan baaburri midhaan nyaataa daaku waan hin jirreef deemsa sa’atii 3:00 olii deemanii midhaan nyaataa daakkatanii osoo galaa jiranii gareen kabaja namummaa hin beeknee fi saamicha irratti bobba’an jaleewwan PP daandii irratti eeggachuun badii tokko malee erga saamanii booda reebichaan qaama laalessanii gadhiisuun ibsameera.

