ONM-ABO Caamsaa 13, 2025
Uummata Oromoo hiraarsaa turtii aangoo isaa dheeraffachuuf kan dhama’u murni balfamaan PP aanaa Jajuu ganda Soqee Booqichaa keessatti Caamsaa 10, 2025 uummata nagaa yakka tokko malee manaaf maatii isaanii irraa ukkaamsuun hidhaatti guuree dararaa jiraachuu maddeen gabaasan.
Namoota murna badii kanaan qabamuun hidhamanii rakkachaa jiran keessaa muraasni maqaa arganne:
- Badiriyaa Gammachuu,
- Jamaal Haaji Galattii,
- Bashir Kaboo,
- Bamboo Tareedaa,
- Abdurbaasixii Tuunaa,
- Nugusee Huseen,
- Tolaa Tufaa,
- Fayyee Bamboo fi
- Abbuu Eda’oo kanneen jedhaman ta’uu maddeen dabaluun ifoomsanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun Caamsaa 10, 2025 Arsii Lixaa aanaa Heeban Arsii ganda Dagaagaa jedhamu keessatti daa’imni ganna 14 Kumaa Bariisoo jedhamu obboleessa isaa waliin dhimma dhuunfaaf jedhanii gara magaalaa deemnaan waraanni sirnichaa WBO’tu isin erge jechuun ijoollee warra isaaniif ergaa dhaqan qabuun reebicha jabaa irratti geggeessuun hidhanii hiraarsaa kan jiran yoo ta’u, maatiin akka dhaqanii hin ilaalles ugguranii jiraachuun baramee jira.

