Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti loltoonni maafiyaan PP manneen jiraattotaa gubuu jabeessanii itti fufan

ONM-ABO Caamsaa 17, 2025 

Aanaa Mana Sibuu ganda Tooggir Haroo Gombiitti Caamsaa 15, 2025 manni jireenyaa tokko waraana impaayerattiin qabeenya keessa jiru guutummaa waliin gubatee barbadaa’uun ibsameera.

Manni gubate kunis kan Obbo Eebbaa Nagaasaa yoo ta’u, maatiin manni jalaa gubate kunneenis daa’imman isaanii waliin bakkee keessatti qorraan dhaanamaa fi aduun gubachaa akka jiranis jiraattoonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Gareen fedhii aangoo qabu Bilxiginnaan erga aangootti ol be’ee as shakkii uummatni qabsa’oota deggeranii aangoo kiyya narraa fuusisu jedhuuf uummata nagaa qe’ee irraa buqqisuu, ibiddaan gubee barbadeessuu fi saamicha irratti raawwachuu, akkasumallee lubbuu namootaa galaafachaa kan jiru yoo ta’u, mancaatii fi qisaasama raawwachaa jirus akka gootummaatti himachuun daranuu jireenya hawaasaa golgoleessaa jira.

Exit mobile version