Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Sudaan naannoo tarsiimoo Kaaba Daarfuur keessatti argamu milishoota Mahaammad Hamdan Dagaloo RSF irraa deebi’ee fudhate

ONM-ABO Caamsaa 19, 2025 

Waraanni Sudaan naannoo Atrun bakka tarsiimoo barbaachisaa Kaaba Daarfuur keessatti argamu humna deeggarsa saffisaa (RSF) irraa deebisee qabachuu aangawoonni naannoo Dilbata darbe ibsan.

“Humni hidhannoo Sudaan fi humnoonni waloo naannoo tarsiimoo Atrun milishaa RSF irraa bilisa baasuun injifannoo guddaa argataniiru,” jechuun bulchaan Darfur Mini Arko Minnawi barreeffama Feesbuukii irratti dubbataniiru.

Humni waloo ibsa baaseen naannoon Atruun amma to’annoo Raayyaa Ittisaa jala jiraachuu isaa mirkaneessa. Gareen RSF kanneen UAE’n deggeraman irraa kasaraan “lubbuu fi meeshaalee guddaan” akka mudate ibseera.

Ibsa kana irratti RSF irraa yaadni battalaa hin kennamne.

Barbaachisummaan tarsiimoo Atruun kaaba Darfur irraan, karaa murteessaa bulchiinsa kaabaa  Daarfur waliin walqabsiisuu fi gara addabaabayii daangaa Sudaan, Liibiyaa fi Chaad waliin wal qunnamsiisutti babal’achuu irraa madda.

Gareen finciltootaa humnoota waraanaa waliin erga wal dhabe booda Ebla 9 naannoo sana qabate ture.

Ebla bara 2023 irraa eegalee RSF Sudaan to’achuuf waraana Sudaaan kan ture yoo ta’u, kunis du’a kumaatamaan lakkaa’aman kan fidee fi rakkoolee namoomaa addunyaa irratti hamaa ta’an keessaa tokko uumeera.

Akka gabaasni UN fi aang’oota naannoo agarsiisutti  namootni 20,000 ol du’uu fi kannneen miliyoona 15 ta’an  buqqa’aniiru kan jedhu yoo ta’u, akka qorannoon hayyoota Ameerikaa agarsiisutti garuu lakkoofsa namoota du’anii naannoo 130,000’tti akka ga’u Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version