ONM-ABO Caamsaa 19, 2025 – Saayinsii fi naamusa waraanaa alatti, waraanni sirna dhableessaa impaayera Itiyoophiyaa, bakka hundatti Oromiyaa keessatti bobba’e, gochaawwan suukkanneessaa fi salphisaa shamarran Oromoo irratti raawwataa jira.
Haala kanaan, Caamsaa 14, 2025, godina Wallaggaa Bahaa aanaa Guutoo Giddaa ganda Jireenyaa keessatti, loltoonni PP shamarran lama:
Leensaa Taammiruu Jaal’ataa fi
Iftuu Tasfaa Guyyaasaa
Jedhaman mana maatii isaaniitii sababa tokko malee ukkaamsanii, gara naannoo Lagaa Abbaa Horii jedhamee beekamutti geessuun, achitti baay’inaan wal jijjiiruun haala nama gaddisiisuun gudeedanii deeman jechuun jiraataan ganda sanaa ONMABO’tti himanii jiru.
Akka jiraattota naannoo ONM-ABOtti ibsanitti, shamarran kunneen miidhaa ulfaataa qaamaa fi qalbii isaan irra ga’een bosona keessatti kufanii of-dadhabanii turan. Birmannaa hawaasa naannoo isaaniin bakka sanaa kaasamanii gara hospitaala magaalaa Naqamtee geeffamanii jiru. Haala yeroo ammaa keessatti, fayyaan isaanii sadarkaa yaaddessaa irra jiraachuuins ibsameera.

